Jilli Obbo Gabiramasqala Caalaa Jeneevaatti daawwannaa hojii taasisaa jira

Finfinnee, Adoolessa 19, 2015 (FBC)-Gareen jila Ministira Ministeeraa Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabiramasqal Caalaan durfamu Siwiizarlaandi Jeneevaatti daawannaa taasisaa jira.

Miseensonni garee jilichaa turtii Siwiizarlaanditti taasisaniin Waajjira Dhaabbata Daldalaa Addunyaa akka daawwatan eerameera.

Sagantaa daawwannichaan Ityoophiyaan sosochii miseensa Dhaabbata Daldaa Addunyaan taasisaa jirtu kan tumsu ta’uun ibsameera.

Jilichi hoggantoota Waajjira Dhaabataa Daldalaa Addunyaa, biyyoota miseensota dhaabbatichaa filamanii fi biyyoota miseensa dhaabbatichaa ta’uuf mariirra jiran waliin mari’achuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment