Jilli Obbo Eeliyaasiin durfamu durfamu godina Buunnoo Beddelleetti hojii misooma qonnaa daawwate

Finfinnee, Fulbaana 23, 2016 (FBC) – Jilli Itti aanaa Hooggansa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eeliyaas Kadiriin durfamu godina Buunnoo Beddelleetti hojii misooma qonnaa daawwateera.

Jilichi Aanaa Gachiitti Giddu-galeessa qophii kompoostii raammoo sadarkaa isaa eeggatee lafa kaaree meetirii 450 irratti ijaaramee fi torban lamatti kompoostii Kuntaala 200 oli oomishuu danada’u daawwateera.

Dhangaggaa’ummaa biyyee fooyyessuun oomishtummaa biyyee guddisuuf teeknooloojii raammoo kompoostii Godina Shawaa Lixaa giddu-gala Waarshaa Nooraa Gudar qofa keessatti qophaa’aa ture yeroo ammaa Aanaalee 250 keessatti babal’isuun danda’amuu Obbo Eeliyaas Kadir ibsaniiru.

Bara kanas, giddu-galeessota kompoostii raammoo moodela ta’aniifi humni oomishuu isaanii olaanaa ta’e Aanaalee 258 keessatti ijaaruuf aanaaleen baajeta biiliyoona 1 qabachuun ijaaruuf qophiin xumuaramuu dubbataniiru.

Giddu-galeessotni raammoo kompoostii ijaaramaniifi ijaaramuuf karoorfamanittis, loon sanyii fooyya’oo , lukkuufi misooma dammaa gaggeessuun galtee raammoo kompoostii akka argatan taasisuufis xiyyeeffannon kan hojjetamu ta’uu Obbo Eeliyaas himuu raga BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment