Jilli Obbo Eeliyaas Ummataan durfamu hojiilee misoomaa Aanaa Daallee Waabaraa daawwate

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2016 (FBC) –Jilli Afyaa’ii Itti Aanaa Caffee Oromiyaa Obbo Eeliyaas Ummataan durfamu Godina Qellam Wallaggaa Aanaa Daallee Waabaraatti Inisheetiviwwan misoomaa koolleejiin Teekinikaa fi Ogummaan misoomaa jiran daawwateera.

Koollejjii kana keessatti, horsiisa Booyyee, Misoomaa sanyii fooyya’aa Muuzii fi hojii misooma Avookaadoo dabalatee horsiisni Kanniisaas hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Koolleejiiwwan bakka dagaagina ogummaa qofa osoo hin taane,giddu gala qorannoo ta’uun bu’aa argamsiisa jiraachuu Obbo Eeliyaas Ummataa ibsaniiru.

Bulchaan Godinichaa Obbo Gammachuu Gurmmeessaa gamasaaniin, hojiin koollejiichi hojjete fakkeenyummaa guddaa qabaachuu eeruu OBN gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment