Jilli obbo Eeliyaas Kadiriin durfamu Warshaa oomisha Nooraa Gudar daawwate

Finfinnee, Bitootessa 1, 2014 (FBC) – Jilli Itti aanaa Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Eeliyaas Kadiriin durfamu Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaayeetti Warshaa Oomish Nooraa Gudar daawwateera.
Oromiyaatti Godinaalee 15 aanaalee 147 keessatti lafti heektaarri miiliyoonni 1 ol Asiidummaa biyyoof saaxilamu obbo Eeliyaas ibsaniiru.
Rakkoo Asiidummaa biyyoo kana furuuf Nooraan Kuntaalli miiliyoonni 60 ol kan barbaachisu yoo ta’uu, yeroo ammaa garuu Nooraa Kuntaalli kuma 58 hin caalle qofti oomishamaa jiraachuu kaasaniiru.
Akka Oromiyaatti Warshaan Nooraa kana oomishu Warshaa Nooraa Gudar qofa ta’uus ibsameera.
Lalisee Tasfaayeetu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment