Jilli Obbo Eeliyaas Kadiriin durfamu Godina Harargee Bahaa Aanaa Giraawaatti hojii misooma dammaa daawwate

Finfinnee, Sadaasa 7, 2016 (FBC) – Jilli Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eeliyaas Kadiriin durfamu Godina Harargee Bahaa Aanaa Giraawaatti hojii misooma dammaa daawwateera.

Jilichi misooma Dammaa suluula Bona darbe misoome keessatti qonnaan bultoonniifi dargaggoonni gurmaa’anii misoomaa jiru daawwateera.

Lafa qabeenyi uumamaa irraa manca’uun oomishaan ala ta’ee ture tuttuqqaarraa bilisa taasisuun qonnaan bultoonniifi dargaggoonni Harargee waldaan gurmaa’uun fayyadamoo ta’aa jiraachuu Obbo Eeliyaas ibsuu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment