Jilli obbo Dhaabaan durfamu Godina Harargee Lixaa Aanaa Horsiisee Bulaa Gumbii Bordoddeetti hojii misooma qamadii Gololchaa daawwate

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC) – Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen durfamu Godina Harargee Lixaa Aanaa Horsiisee Bulaa Gumbii Bordoddeetti hojii misooma qamadii ganda Gololchaa daawwateera.
Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabaleen Qonnaan bultoonni Aanaa Gumbii Bordoddee Ganda gololchaa yeroo jalqabaaf qamadii misoomsaa jiranitti hedduu gammaduu ibsaniiru.
Wabii midhaan nyaataan of danda’uuf tattaaffii abdii qabeessi muul’achaa jiraachuu dubbataniiru.
Gandichatti misooma jallisii bal’inaana hojjechuuf Proojektiin jallisii Gololchaa Birrii biiliyoona 1’n ijaaramuuf ta’uu ibsaniiru.
Proojektiin ijaarramu kunis rakkoo hanqina bishaanii jiru kan furu ta’uu kaasaniiru.
Aanaa Gumbii Bordoddee ganda gololchaatti lafati hektaarri 63 qamadiin misoome sadarkaa gaarirratti argama jedhame.
Maddi:-OBN
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment