Jilli obbo Dhaabaan durfamu aanaa Cinaaqsanitti Qamadii Kilaasteraan misoome daawwate

Finfinnee, Hagayya 16, 2013 (FBC) – Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen durfamu godina Harargee Bahaa Aanaa Cinaaksanitti Qamadii Kilaastaraan faca’e daawwateera.

Jiraattonni Aanaa Cinaaksan Araddaa Luugoo erga Kilaastaraan facaasuu jalqabanii faayidaa guddaa argachaa jiraachuu dubbataniiru.

Waggatti yeroo 2 fi isaa ol akka Oomishaniif rakkoon Bishaanii furamuu akka qabu gaafataniiru.

Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee hojiin Kilaastaraan Harargee Bahaa keessatti hojjatamaa jiru hojii fakkeenyummaa qabu ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan hojii Qonnaa godinicha keessatti hojjatamaa jiru kan duraa Caalaa deeggaruuf qophii ta’uu dubbataniiru.

Aanaa Cinaaqsanitti qamadiin lafa hektaara kuma 1 fi 450 irratti mekaanaayizeeshiinii qonnaatiin deeggeramee misoomaa jira jedhame.

Qonnaan bultoonni fi horsiisee bultoonni aanichaa tiraaktera 180 fi kompaayinera 2 bitachuun lafa misoomaaf oolu bal’aa qabanirratti hojii qonnaa mekaanaayizeeshiniidhaan deeggerame gaggeessaa jiraachhu ibsameera.

Qonnaan bultonnii fi horsiisee bultoonni kunneen kutannoo guutuun hojii boonsaa hojjechaa jiraachuutti Jilli kuni hedduu gammaduu ragaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment