Jilli obbo Dhaabaa Dabaleen durfamu godina Arsii aanaa Heexoosaatti hojii misooma kilaastera Qamadii daawwate

Finfinnee, Hagayya 10, 2013(FBC)- Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenyaa Uumaamaa Obbo Dhaabaa Dabaleen durfamu godina Arsii aanaa Heexoosaa ganda Haxxee Handoodeetti hojii misooma kilaastera Qamadii daawwateera.

Gandichattis, qonnaan bultoonni kilaasteraan gurmaa’anii sanyii haadhoo qamadii lafa hektaara 106 irratti haala gaariin misoomsaa jiraachuu ibsaniiru.

Hoggansa naannoofi godina Arsii qonaan bultoota waliin ta’uun aramaa fi juuntaa ni buqqisna dhaadannooo jedhuun qamadii aramaaniiru.

Qonnaan bultoonnis, hojii misoomaa keenya gaggeessaa juuntaa dhabamsiisuuf qabsoo taasifamaa jiruuf deeggarsa barbachisu gama hundaan taasisaa akka jiranii fi hanga dhumaatti taasisuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Hirphoo Shibootu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment