Jilli obbo Dhaabaa Dabaleen durfamu aanaa Barraakitti faacaasaa qamadii jalliisi eegalchiise

Finfinnee, Sadaasa 1, 2013 (FBC)- Jilli hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen  durfamu godina addaa Oromiyaa naanawa Finfinnee aanaa Barraak ganda Gurraa Alaltuutti facaasaa qamadii jallisiin misoomu eegalchisiiseera.

Godinachatti lafa heektaara kuma 17fi 600 irratti qamadii misoomsuuf hojjeetamaa jiraachu ibsameera.

Aanaa Barraakitti lafa heektaara kuma 2 misoomsuuf sochiiin eegalameera.

Hanqina paampii bishaanii jallisii qonnaan bultoota muudachuu danda’u furuuf paampiin dabalataan akka dhiyaatuufi hanga dhumaatti deeggarsi barbaachisu hundi akka taasifamu obbo Dhaabaan ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment