Jilli obbo Dammaqaa Mokonniniin durfamu Ruwaandaatti daawwannaa taasise

Finfinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC)- Jilli Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonniniin durfamu Ruwaandaatti daawwannaa taasiseera.

Jilichi haala waqtaawaa biyyatti ilaalchisuun Ministira Dhimma Alaa fi Tumsa Idil Addunyaa Ruwaandaa Dooktar Viinsant Biruutaaf ibsa laateera.

Obbo Dammaqaan gochaa gareen badii ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwate, kutaalee biyyatti gara garaatti garee isaa ijaaruun jeequmsa kaasaa turuu, heera mootummaa diiguun filannoo seeraan alaa gaggeessuu, mana maree federeshinii fi mana maree bakka bu’oota ummataan balaaleffatamuu ibsaniiru.

Garee kanarratti mootummaan olaantummaa seeraa kabachisuuf hojjechaa jiraachuun himaniiru.

Ministira Dhimma Alaa fi Tumsa Idil Addunyaa Ruwaandaa Dooktar Viinsant Biruutaa gama isaaniin Ruwaandaa fi Ityoophiyaan hariiroo baroota dheeraa waliin qabaachuu ibsuun Ityoophiyaa waliin akka dhaabbatu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment