Jilli Obbo Dammaqaa Mokonniniin durfamu hojiilee misoomaa Magaalaa Arbaaminci daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015 (FBC)– Jilli Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniniin durfamu hojiilee misoomaa Magaalaa Arbaaminci daawwatan.

Jilichis, oyiruu muuzii, mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Bayira, oyiruu boqqolloo Waldaa Misooma Gaamoon misoomaa jiruu fi Paarkii Bashannaanaa Magaalaa Arbaaminci daawwachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Daawwannicharratti Pireezidaantonni Naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Somaalee Afaar, Kibbaa, Kibba-Lixa Ityoophiyaa, Gambeellaa, Benishaangul Gumuz, Sidaamaa fi Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaa hirmaataniiru.

Jilichi daawwannichaan mooraa mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Baayiraa Gaamootti biqiltuu dhaabbaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment