Jilli Obbo Dammaqaa Mokonniin durfamu Kuubaa gale

Finfinnee, Fulbaana 4, 2016 (FBC)- Gareen jilli Ittaanaan Muummee Ministira fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokoonniin durfamu Kuubaa Haavaanaa galeera.

Obbo Dammaqaan wayita bufata Xiyyaraa Idil Addunyaa Joosee Maartii gahan Ministira Dhimma Alaa Kuubaa, angaa’oota olaanoo biyyatti fi Kuubaatti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa Tashoomaa Gannaatiin simatamaniiru.

Obbo Dammaqaan turtii isaaniin yaa’ii hoggaantoota garee 77’rrattii Itiyoophiyaa bakka bu’uun kan hirmaatan ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment