Jilli obbo Binnaalfi Andu’aleemiin durfamu Masaraa Mootii Jimmaa Abbaa Jifaar daawwate

Finfinnee, Amajjii 21, 2013 (FBC) – Jilli itti gaafatamaa Waajjira Muummee Paartii Badhaadhina obbo Binnalfi Andu’aleemiin durfamu magaalaa Jimmaattii Masaraa Mootii Abbaa Jifaar daawwate.
Jilichi magaalaa Jimmaatti masaraa proojektii misooma laga Awweetuu Birrii miiliyoona dhibba 6 oliin hojjatamaa jirus daawwateera.
Akka ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa magaalaa Jimmaarraa argame agarsiisuutti haaromsi Maasaraa Mootii Abbaa Jifaar saffisaan xummuramuu akka qabu obbo Binnaalfi dubbataniiru.
Daawwannichaarratti obbo Binnaalfi fi itti aanaa Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw dabalatee hoggantoonni mootummaa biroo hirmaataniiru.
Daawwannaa booda abbootiin amantaa fi Jaarsoliin biyyaa magaalaa Jimmaa akka aadaa Oromoota Jimmaatti barcuma dhaabanii eebbaa fi uffannaa bullukkoo itti uwwisuun jilicha gaggeessaniru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment