Jilli Obbo Bariisoo Fayyisaan durfamu Giddu gala Horsiisaafi Fooyyessa Sanyii Loon Booranaa Diida Xiyyuuraa daawwate

Finfinnee, Mudde 8, 2016 (FBC) – Jilli Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan durfamu Giddu gala Horsiisaafi Fooyyessa Sanyii Loon Booranaa Diida Xiyyuuraa daawwateera.

Giddu-galichi lafa hektaara kuma 5 fi 550 kan qabu yoo ta’u, loon fooyya’oo sanyii Booranaa tursiisuuf horsiisaa fi fooyyessarratti hojjechuun hawaasaaf rabsaa jira jedhame.

Yeroo ammaa loon 320 haalaa gaariin kunuunfamaa jiraachuu jilichi daawwateera.

Giddu-galichaafis eegumsaafi kunuunsa barbaachisu taasisuun hanqinoota jiraniif fala kennuuf ciminaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu Obbo Bariisoon kallattii kaa’uu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment