Jilli Obbo Awwaluun durfamu Waayyuu Tuqaatti inisheetiivii misoomaa garagaraa daawwate

Finfinnee, Bitootessa 11, 2016 (FBC)- Jilli Pireezidaantii Ittaanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu hojiiwwan misoomaa Godina Wallagga Bahaatti hojjetamaa jiran daawwateera.

Jillichi Godinicha Aanaa Waayyuu Tuqaatti inisheetiivii misooma Muuzii, Ashaaraa Magariisaa, Qe’ee qonnaan bultoota adda duree, wiirtuu leenjii qonnaan bultootaa, misooma Bunaa, horsiisa Lukkuu, ijaarsa pirojektootaa, Xaa’oo Uumamaa fi kanneen biroo daawwataniiru.

Daawwaanicharratti Obbo Awwaluu Abdii dabalatee Itti gaafatamaan Damee Siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa, Koominshinar Araarsaa Mardaasaa fi Itti Gafaatamtonni Godinaa fi Aanaalee argamaniiru.

Obbo Awwaluu Abdii akka jedhanitti, jijjiiramni ariitii waliin deemaa waan ta’eef ariitiidhaan imala eegalame boqonnaa tokko malee itti fufu qaba jedhaniiru.

Dooktar Biqilaa Hurrisaan gama isaaniin karoori inisheetiviiwwaan garaagaraan mootummaan hojjechaa jiru guddina eegeree biyyattif abdii olaanadhajedhanii, karooricha galmaan ga’uufis mootummaan deeggarsa taasisu cimsee itti fufa jedhaniiru.

Galaana Tasfaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment