Jilli Obbo Awwaluun durfamu Godina Arsii Lixaatti Kilaastera Qamadii daawwate

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC) – Jilli Itti Aanaa Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaatti Kilaastera Qamadii daawwateera.

Karoora imala badhaadhinaa qabame giddu galeessa taasiisuun wabii nyaata mirkaneessuu bira darbee oomisha alatti erguun galii argamsiisuuf cichominaan hojjetamaa jira jedhan Obbo Awwaluun.

Bara kana akka Godina Arsii Lixaatti Lafa heektara kuma 544 fi 801 ta’u qonnaa Gannaatiin kan misoome yoo ta’u, lafti heektarri kumni 170 ol Qamadiin kan misoome ta’uu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment