Jilli Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Nageellee Arsiitti hojiilee Inisheetiiviiwwan garaagaraan hojjetaman daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 24, 2016 (FBC)- Jilli Ittaanaa Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu hojiilee inisheetiiviiwwan garaagaraan Magaalaa Negeellee Arsiitti hojjetaman daawwateera.

Inisheetiiviiwwan daawwataman kunneenis inisheetiivii kuduraa fi muduraa, furdisaa fi horsiisa loonii fi lukkuu ta’uun ibsameera.

Daawwannicharratti Obbo Awwaluun akka jedhanitti, Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin rakkoolee hawaasaa dhawataan furaa jiraachuu himaniiru.

Hojiileen inisheetiiviiwwan garaagaraan magaalattiitti hojjatamaa jiranis jajjabeessaa ta’uu dubbataniiru.

Jibiriil Huseentu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment