Jilli Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Jimmaa Gannatiitti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwate

Finfinnee, Bitootessa 12, 2016(FBC)- Jilli Pireezidantii Ittaanaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatiitti hojiilee misoomaa garaa garaa daawwateera.

Daawwannichaan misoomni qamadii kilaastaraa fi misoomni beeyladaa kan daawwataman yoo ta’u, godinichatti hojiileen misoomaa fi nageenya mirkaneessuuf hojjetamaa jiran kan jajjabeeffamaniidha jedhan.

Fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf aadaa qusannaa gabbisuun barbaachisaa ta’us eeran.

Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan gama isaaniin, hojiilee misoomaa fi nageenyaa milkeessuu keessatti hirmaannaan ummataa murteessaa ta’uu eeruun ummanni misoomaa fi nageenya biyyaaf adda durummaan gahee isaa bahaachuu qaba jedhaniiru.

Godinichatti lafti hektaara kuma 73 ol qamadiin jallisiin misoomaa akka jiraachuu OBN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment