Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC)- Jilli itti aanaa Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin durfamu ijaarsa daandii aspaaltii projektiin ‘Eco-tourism’ Haroo Dandii fi Haroo Wancii wal quunnamsiisu daawwateera.
Hoji gaggeessaan proojektichaa Obbo Dhaabaa Jinfeensaa, ijaarsi daandii kun 37% akka ga’ee fi baatii Waxabajjii 2014tti kan xumuramu ta’uu himaniiru.
Obbo Awwaluu ijaarsi daandii kun bal’inaanis ta’ee qulqullinaan haala gaariirra jiraachuu himaniiru.
Yeroo qabameef keessatti akka xumuramuuf hawaasni cimee nageenyaa fi misoomasaa tikfachuu qabaas dhaaman.
Daawwannaa kanarratti hooggantoonni biiroo Oromiyaa fi Godina Shawaa Lixaa argamuun ragaan kominikeeshinii godina Shawaa Lixaarra argamee ni muul’dhisa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.