Jilli Obbo Awwaluu Abdiin durfamu aanaa Cooraatti hojiilee misoomaa daawwate

Finfinnee, Mudde 13, 2015 (FBC) – Jilli Itti Aanaa Pireezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cooraatti hojiilee misoomaa daawwateera.

Inisheetiiviiwwan misooma garaagaraa bocamuun dhihaatan qonnaan bulaaf bu’aa argamsiisaa jiraachuu Obbo Awwaluun ibsaniiru.

Nageenyaa fi misoomaa walsimsiisuun hojiin godinichatti hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’uu eeraniiru.

Dargaggotni Aanaa Cooraa hojii misooma dammaafi oomisha xaa’oo kompoostii hojjetaa jiran carraawwan naannoo isaaniitti argaman fayyadamuun hojjechuun dargaggoota biroof fakkeenya ta’aa jiraachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’is.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment