Jilli Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Aanaa Cinaaksanitti Qamadii Kilaasteraan misoomaa jiru daawwate

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2016 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdiitiin durfamu Godina Harargee Bahaa Aanaa Cinaaksanitti Qamadii Kilaasteraan lafa hektaara kuma1 fi 800 misoomaa jiru daawwateera.

Godina Harargee Bahaatti inisheetiiviin misooma qamadii jallisii lafa hektaara kuma 83 irratti misoomaa kan jiru yoo ta’u, callaan kuntaalli kuma 600 ol akka argamu ta’uu ibsameera.

Godinichatti inisheetiiviin misooma qamadii bara kana lafa hektaara kuma 70 irratti misoomsuuf karoorfamee lafa hektaara kuma 83 ol irratti faca’uu eerameera.

Aanaalee godinichaa Cinaaksan, Bakkanniisa Oromoo, Malkaa Balloo fi Guraawaa keessatti Qamadiin baay’inaan misoomaa jiraachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

Pireezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannoolee daawwannicharratti argamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment