Jilli obbo Awwal Aarbaa fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddari Ameerikaa Maayk Raaynar durfamu Eertaalee daawwatan

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC) – Jilli Preezdaanti mootummaa Naannoo Affaar obbo Awwal Aarbaa fi Ityoophioyaatti Ambaasaaddari Ameerikaa Maayk Raaynar durfamu Volkaanoo Eertaalee daawwatan.

Daawwanichi bakkeewwaan hawwataa naannicha argamaan beeksiisuu fi lakkoofsa daawwattoota dabaluuf kan gargaarudha jedhame.

Jillichi guyyaa itti aanu bakkeewwaan hawwata turizimii naannichaatti argaaman kan daawwatu ta’uu ragaan waajjira dhimmoota kominikeeshinii mootummaa naannoo Affaar irraa arganne ni muldhisa.

Voolkanoon Eertaalee daawwattoota turizimii fi qalbii saayinstoota kan ofitti hammatudha.

Ertaalee jechuun Afaan Affaar yoo ta’u hiikaan isaa ‘gaara aaruu’ jechuudha.

Comments (0)
Add Comment