Jilli obbo Ahimad Shiideetiin durfamu misooma qarqara laga Aweetuu daawwate

Finfinnee, Bitootessa 26, 2014 (FBC)- Jilli Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideetiin durfamu misooma qarqara laga Aweetuu daawwateera.

Daawwannicharratti Obbo Ahimad Shiidee, Daayireektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Federaalaa Injiinar Habtaamuu Tagany, Ministira Ministeera Tuurizimii Ambaassaaddar Naasisee Caalii, Kantiibaa magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaa fi Bulchaa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir dabalatee qondaaltonni mootummaa federaalaa fi hoggansi magaalichaa akkasumas jaarsoliin biyyaa fi abbootiin amantaa argamaniiru.

Deeggarsaa fi hordoffii taasifamaa jiruu fi adeemsa hojii proojektichaarratti Hoji gaggeessaan Mana Qopheessaa magaalichaa Injiinar Kadir Hasan ibsa kennuu ragaan Kominikeeshinii magaalaa Jimmaarra argame ni mul’isa.

Dabalatanis jilichi Aanaa Saqqaa Coqorsaatti muuzii kilaastaraan misooma jiru daawwateera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment