Finfinnee, Gurraandhala 27, 2014 (FBC) – Jilli Ministirootaa Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen durfamu magaalaa Jigjigaa galeera.
Jillichi wayita Buufata Xiyyaaraa Garaad Wiil Waal magaalaa Jigjigaa ga’uu Preezdaantii naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammadii fi hoggantoota mootummaa naannichaan simatameera.
Jilichi hongee naannichatti muudate ilaalchisee Preezdaantii naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammadii fi hoggantoota mootummaa naannichaa waliin ni mari’ataan kan eegamu ta’uu ragaan Ejansii miidiyaa naannoo Somaaleerraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.