Jilli obbo Ahimad Shiideen durfamu godina Addaa saba Oromoo miidhaa gareewwan shororkeessaa ABUT fi Shaneen qaqqabsiise daawwate

Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen durfamu naannoo Amaaraa godina Addaa saba Oromootti miidhaa gareewwan shororkeessaa ABUT fi Shaneen qaqqabsiisan daawwate.

Jilichi hoggantoota olaanoo mootummaa federaalaa kan of keessatti haammate ta’uu ibsameera.

Daawwaannaa godiinichatti taasisaniin miidhaan qaqqabu guddaa ta’uu fi dhaabbilee fayyaa fi manneen barnootaarra miidhaa cimaan ga’us gara hojiitti akka deebi’an taasifamuu isaanii dinqisiifataniiru.

Fuuldurattis waajjiraaleen hojii Ministeerotaa deeggarsa kan taasisan ta’uu kaasaniiru.

Ministirri Ministeera Nageenyaa obbo Binnaalf Andu’aalem gamasaaniin godinichatti qabeenya barbadaa’e deebisanii dhaabuuf mootummaa naannichaa waliin qindoominaan kan hojjetan ta’uu ibsuu isaanii AMKn gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment