Finfinnee, Guraandhala 14, 2015 (FBC)- Jilli Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen durfamu daawwannaa hojiif Chaayinaa magaalaa Beejiing galuu ibsame.
Jilichi turtiisaan dhimmoota tumsaa daldalaa, invastimantiifi diinagdeerratti ni mari’ataan eegama.
Kana malees dhaabbilee maallaqaafi invastimantii biyyattii waliin marii tarsiimawaa kan taasisan ta’uu ragaan Chaayinaatti Embaasiin Ityoophiyaa beeksiseera.
Dabalataanis jilichi Fooramii invastimantii Ityoo- Chaayinaa Komishiniin Diinagdeefi Daldalaa Waloo biyyoota lameeniifi Embaasiin Ityoophiyaa waloon qopheessan irratti ni hirmaataan kan eegamu ta’uu eerameera.
Jilichi Ministiora Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee, Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Maammoo Miratuu, Komishinara Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Namee, Ministir Deetaa Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyiifi hoggantoota olaanoo biroo of keessatti hammachuu ibsameera.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.