Jilli obbo Ahimad Shiideen durfamu anga’oota mootummaa Sawud Arabiyaa waliin mari’ate

Finfinnee, Amajjii 20, 2014 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen durfamu hogganaa olaanaa Wiirtuu deeggarsa namoomaa mootii  Sawud Arabiyaa  Dooktar Abdullaahi Alraabiiha waliin mari’ateera.

Marichaan dhimmoota deeggarsa namoomaa waloorratti mari’achuu ibsameera.

Dabalataanis Obbo Ahimad Shiideen hojii gaggeessaa deeggarsa misoomaa Sawud Arabiyaa Sulxaan Aalmaarshaad waliin mari’achuu eerameera.

Sagantaalee fi Proojektoonni  misoomaa dhaabbatichaan  Ityoophiyaatti hojjetaman waliin gamaggamuu ibsameera.

Hojiileen misoomaa dhaabbatichi Ityoophiyaatti hojjetu tajaajila hawaasummaa fi guddina diinagdee Ityoophiyaarratti ga’ee gaarii kan qabu ta’uu eeraniiru.

Sawud Arabiyaan deeggarsa namoomaa fi misoomaa Ityoophiyaaf taasiftu galateeffachuu isaanii ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment