Jilli obbo Ahimad Shiideen durfamu Ameerikaa Waashingitan DC galeera

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen durfamu Ameerikaa Waashingitan DC galeera.
Jilli kun walga’ii waggaa Baankii addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa idil addunyaarratti hirmaachuuf Ameerikaa Waashingitan DC galuu ibsameera.
Jilichi walga’icha cinaatti dhimmoota hariiroo waloo biyyoota lamaanirratti marii bal’aa kan taasiisu ta’uu Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Fitsum Araggaan Fuula Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Yinnaaggar Dassee fi Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalenyi obbo Ahimad Shiidee waliin gara sana imaluu eerameera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment