Finfinnee, Eebla 3, 2015 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen durfamu aanga’oota Baankii Addunyaa, IMF fi IFC waliin mari’ateera.
Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee fi Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Obbo Maammoo Mirihaatuun hoggantoota Baankii Addunyaa, Dhaabbata Fandii Maallaqa Addunyaa fi Korporeeshinii Faayinaasii Addunyaa waliin mari’ataniiru.
Jilichi Pireezidaantootaa fi Daayrektarootaa dhaabbilee kanneenii waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’achuu ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirraa argame ni mul’isa.
Dhimmoota haala waqtaawaa, Qabeenya diinagdee, Faayinaansii fi tumsa taasifamuu qaburraati marii bu’aa qabeessa taasiisuu eerameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.