Jilli Obbo Aganyawu Tashaagariin durfamu walga’ii 146ffaa Gamtaa Paarlaamaa Idil Addunyaarraatti hirmaachaa jira

Finfinnee, Bitootessa 4, 2015 (FBC)- Jilli Afyaa’ii Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagariin durfamu walga’ii 146ffa Gamtaa Paarlaamaa Idil Addunyaarratti hirmaachaa jira.
 
Walga’iin Gamtaa Paarlaamaa Idil Addunyaa kun Baahireen Maanaamaatti gaggeeffamaa jira.
 
Obbo Aganyawu walga’icharratti haasawaa taasisaniin, weerarri vaayirasii koroonaa rakkoolee hawaas-diinagdee addunyarratti qaqqabsiise kaasaniiru.
 
Nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuun guddina, diimokiraasii fi mirgoota namoomaa kabachiisuuf faayidaa olaanaa akka qabaatu eeranii, Ityoophiyaan ergama nageenyaa kabachiisuun gaheen qabaachaa turte cimee akka itti fufu ibsaniiru.
Sudaan, Somaaliyaa fi Sudaan Kibbaatti tattaaffii nagaa kabachiisuu taasifame, hariiroo Ertiraan Ityoophiyaa waliin qabaachaa ture nagaan furuuf tattaaaffii taasifame, walitti bu’iinsa kutaa Kaabaa biyyattiitti mudate waliigalteen akka xumuramuu taasifamuun bu’uuraa nageenyaa ta’uu kaasaniiru.
 
Akksumas naannawaa waraanaan miidhamaniitti deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jiraachuu himaniiru.
 
Dabalataan, balaawwan umamaa fi namtolcheen Gaanfa Afrikaatti mudataa jiran furuuf walta’iinsaa fi tattaaffii idil addunyaa akka barbaachisu himaniiru.
 
Raashiyaa fi Yuukireen gidduutti waraanaa uumameen rakkoolee diinagdee mudatan furuuf oomishaa fi omishtummaa Ityoophiyaa dabaluun qaala’iinsa gatii miidhaan nyaataa mul’atan dandamachuuf tattaaffii gama ishee kan taasiftu ta’uu akeekaniiru.
Garaagarummaa Ityoophiyaatti mudatan mariin furuuf koomishinii marii biyyaalessaa hundeessuun nageenya waaraaf hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
 
Yaa’ichi dhimmoota nageenyaa, tasgabbii, eegumsa naannawaa, fayyadamummaa dubartootaa fi dargaggootaa, miidiyaa, fi kanneen biiroorratti xiyyeeffachuun kan mari’atu ta’uu ragaan Bahireenitti Waajjiraa Qonsilaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment