Jilli obbo Addisuun durfamu godina Arsii aanaa Heexoosaa magaalaa Itayyaa fi aanaa Doddootaa magaala Dheeraa daawwachaa jira

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC)- Jilli Sadarkaa Preezdaantii itti aanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaatiin durfamu ijaarsa manneen barnoota daree dabalaataafi haala qophiin baruu fi barsisuu bara kanaa irra jiru godina Arsii aanaa Heexoosaa magaalaa Itayyaa fi aanaa Doddootaa magaala Dheeraa daawwachaa jira.
Godina Arsiitti bara kana qophii baruufi barsiisuu baratoota kuma 800 barsiisuuf karoorfameen barattoonini kumni 700 ol galmaa’uu waajjirri Barnootaa godinichaa ibseera.
Jilli obbo Addisuu Araggaa fi hooggantoota biroon durfamu kun haala qophii manneen barnoota Godina shawaa Bahaa aanaa Lumees ni daawwatun eegama.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment