Jilli obbo Addisuu Araggaatiin durfamu Projaktoota misoomaa Godina Baaleetti hojjetamaa jiran daawwata jira

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Jilli obbo Addisuu Araggaatiin durfamu Projaktoota misoomaa Godina Baaleetti hojjetamaa jiran daawwata jira.
Godina Baalee Bulchiinsa Magaalaa Roobee fi naannoo isheetti projaktoonni misoomaa 60 ta’an baajata Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi baajata mana qopheessaatiin ijaaramaa jiru.
Projaktoonni gurguddoon 14 baajata naannootiin 46 ammoo baajata mana qopheessaa Bulchiinsa magaalaa Roobeetiin ijaaramaa jiru.
Projaktoonni kunneenis Mana Barumsaa Damee Ifa boruu olmaa daa’immanii hanga qophaa’inaatti, Hospitaala yaala walii galaa Dubartootaa fi Daa’immanii, Daandii Asfaalitii keessa keessaa Birrii biliyoona 1 oliin ijaaramaa jiru akkasumas Paarkii Indaastirii Qindeessaa Oomisha qonnan bulaa kan birrii Miliyoona 800 oliin ijaaramaa jiru fi Buufata konkolaataa kan altokkotti konkolaatota 1800 keessummeessuu dandahu keesaatti argama.
Godinni Baalee oomishaawwan qonnaa fi qabeenya uumamaan badhaatuu taatullee kanaan dura dagatamtee akka turteedha jiraattonni kan dubbatan.Hojiiwwan misoomaa amma eegalaman Abdii akka isaanitti hore himaniiru.
Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti qindeessaan kilaasteta Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa wayita Daawwanichaa haasaa taasisaniin,Godinni Baalee kennaa uumaan badhaase hedduu qabaattus,garuu irratti hin hojjetamnee jedhaniiru.
Kanaaf mootumaan naannoo Oromiyaa Karoora haaraa baasuun hojiiwwan misoomaa fi gama Tuurisimiin hojjetaman hojjechaa jiraa jedhaniiru.
Gama Tuuriizimiitiin Inveesteroonni biyyoota alaa dhufuun godinichatti hojii invaastimentii garaa garaa akka hojjetaniif walii galteerra ga’amuudha obbo Addisuun kan dubbatan.
Keessumaa Projaktoonni hojjetamaa jiran kunneen dargaggoota 5000 oliif carraa uumaniiru.
Paarkiin indaastirii cina magaalaa Roobeetti ijaaramaa jiru kun bara 2012 eegaluun amma %86 irra gahee jira.
wayita xumuramu Oomisha qonnaan Bultootaa qindeessuun gara Indaastirii Bulbulaatti kan ergu ta’a Jiilichi ammas Guyyaa har’aas godinichatti daawwannaa garaagaraa ni taasisa.
Yaaddeessaa Geetaachootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment