Jilli Obbo Addisuu Araggaatiin durfamu Godina Baaleetti qamadii Kilaastaraan Misoomaa jiru daawwate

Finfinnee, Sadaasa 11, 2014 (FBC)- Jilli Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaa Kilaastera Magaalaa Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaatiin durfamu Godina Baalee aanaa Agaarfaatti Ooyruu dargaggootaa Dhaabbilee Barnoota olaanorraa eebbifamanii Qamadii Kilaasteraan Misoomsaa jiranii daawwateera.

Hojiin qonnaa humnaa namaa barateetiin yoo hojjetame jijjiramaa qonnaatiifis ta’ee jiruu fi Jireenya namoota baratanii kan jijjiiru ta’uu obbo Addisuun ibsaniiru.

Qonni carraa hojii bal’aa ittiin uumuu danda’amu waan ta’eef dhaabbilee barnootaa fi dhaabbilee qorannoo fi qo’annootiin walitti hidhuun oomishtummaa dabaluuf hojjetamuu akka qabu akeekaniiru.

Bulchaan Godina Baalee obbo Abdulhakiim Aliyyii gamasaaniin, akka godinichaatti dargaggoonni hedduun gurmaa’uun hojii qonnaa lafa heektaara 600 ol irratti  hejjechaa jiraachuu ibsuu OBN gabaaseera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com

/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment