Jilli obbo Addisuu Araggaan durfamu hojiilee misooma magaalaa Adaamaatti hojjetamaa jiran daawwataa jira

Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC)- Jilli Sadarkaa Preezdaantii Itti aanaatti Qindeessaan Kilaastara Magaalaa Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaan durfamu Magaalaa Adaamaatti hojiilee misooma hojjetamaa jiran daawwachaa jiraachuu ibsameera.

Kayyoon daawwannaa kanaa diinagdee biyyaaf dhimmoota ijoo ta’an keessaa, hojii gama Teeknooloojiin, kalaqaan, kenna tajaajilaa fi carraa hojiin Magaalaa Adaamaa keessatti hojjetamaa jiru daawwachuun muuxannoo qooddachuu akka ta’e Obbo Addisuu Araggaa himaniiru.

Daawwannaa kanarratti hooggansi Magaalaa fi Godinaalee Oromiyaa irratti hirmaachaa jiraachuu ragaan Biiroo Dhimmoota Konikeeshinii Mootummaarra argamee ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment