Jilli obbo Addisuu Araggaan durfamu galmee barattootaa manneen barnootaa Ifa Boruutti gaggeeffamaa jiru daawwate

Finfinnee, Hagayya 29, 2013 (FBC)- Jilli Jilli Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan kilaastera Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaan durfamudurfamu galmee barattootaa manneen barnootaa Ifa Boruutti gaggeeffamaa jiru daawwateera.

Daawwannichaa obbo Addisuun, qulqullinaa fi dhaqqabamummaa barnootaa babal’isuuf hojii hojjetameen, manneen barnootaa Ifa Boruu barattoota simachuu jalqabuu isaanii ibsaniiru.

Manneen barnootaa jila kanaan daawwataman keessaa , magaalaa Hoolataatti kan argamu mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Ifa Boruu Galgal Kuyyuu fi magaalaa Walisootti kan argamu mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Ifa Boruu Arfan Waliisootu daawwatame.

Barattoonni manneen barnootaa kanneenii manni barumsaa haala mijataa qabu naannoo isaaniitti banamuun isaa rakkoo barnootaa isaan quunnamu kan furuuf ta’uu eeruun barumsi dafee akka jalqabamuuf yeroodhaan galmaahuu isaanii dubbatan.

Jiraattoonni naannichaatiis barumsi bu’uura guddina biyyaa waan ta’eef, lafa manni barumsaa irratti ijaaramu kennuu irraa kaasee deeggarsa barbaachisu hunda kan godhan ta’uu dubbatan.

Manni barumsichaa naannoo isaaniitti ijaaramuu isaatiin gammaduu isaanii ibsan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa qulqullinaa fi walgeettii barnootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannaa addaa kennee hojjechuu isaatiin manneen barnootaa babal’achuu , qindeessaan kilaastara hawaasummaa obboo Addisuu Araggaa ibsaniiru .

Mootummaan naanichaa proojeektii Ifa Boruutiif baajata Birrii biiliyoona 5.2 ol ramaduun maneen barnootaa sadarkaa 2ffaa 100 , manneen barnootaa bultii addaa 7 fi manneen barnootaa moodeelaa 40 banuun lammii beekumsaan qaroome fi naamusa goonfate uumuuf hojjechaa jira.

Kana malees, hirmaannaa hawaasaa fi dhaabbilee garagaratiin manneen barnootaa kuma 10 keessaatti kutaaleen dabalataa barnootaaf haala mijataa uuman ijaaramuu isaanii obbo Addisuun ibsaniiru.

Sagantaa bu’uura boruutiiniis manneen barnootaa oolmaa daa’immanii kuma 3 ijaaruuf karoorfamee keessaa kuma 2 ol hojjetamaa akka jiran ibsaniiru.

Mana barnootaa babal’isuun qofti galmaa miti kan jedhan obbo Addisuun, lammiin umriin isaa barnootaaf gahe hundi galmaahuun akka barataniif maatiin barattootaa dabalatee qaamooleen dhimmi ilaallatu hundi tumsuu akka qabaniis dhaaman.

Bara barnootaa 2014tti akka naannoo Oromiyaatti barattoota miliyoona 11 ol simachuun barsiisuuf qophiin barbaachisu xumuramuu fi pirootookoolii vaayarsii koroonaa hojiirra oolchuun baruumsu kan kennamu ta’uu Hogganaa Itti aanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa obboo Alamaayyoo Asaffaan ibsaniiru.

Maddi:-OBN

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment