Jilli Obbo Adam Faraahiin durfamu Somaaliyaatti daawwannaa hojii taasise

Finfinnee, Bitootessa 26, 2015 (FBC) – Jilli Itti aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faraahiin durfamu Somaaliyaatti daawwannaa hojii taasiseera.

Jilichi wayita Magaalaa Moqaadishoo ga’u Ministirra Alaa fi tumsa Idil addunyaa Somaaliyaa Abshir Oomaar Jamaan simatameera.

Jilichi turtii biyyattiitti taasisuun Ministirra Alaa fi tumsa Idil addunyaa Somaaliyaa Abshir Oomaar Jamaan fi hoggantoota olaanoo biroo waliin dhimmoota waloo fi naannawaarratti marii ni taasisa jedhamuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment