Jilli Obbo Adam Faarahin durfamu Pireezidaantii Jibuutii waliin mari’ate

Finfinnee, Bitootessa 28, 2015 (FBC)- Jilli Ittaanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahin durfamu Pireezidaantii Jibuutii Ismaa’eel Omar Gillee waliin mari’ate.

Marii isaaniinis hariiroo gama lameenii biyyoota lameenii calmaan cimsuuf haalota dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Ityoophiyaa fi Jibuutiin walta’iinsa gama dippilomaasii, siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaan qaban caalmaan cimsuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Jilichis xalayaa Muummee Ministiraa Abiy Ahimad irraa ergame Pireezidaantii Jibuuti Ismaa’el Omar Gilleen ga’uu ragaan Jibuutiitti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment