Jilli Obbo Adam Faarahiin durfamuu Hundeeffama waggaa 45ffaa Paartii biyyaa bulchaa jiruu Jibuutirratti hirmaate

Finfinnee, Guraandhala 25, 2016 (FBC)- Jilli Pireezidaantii Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiin durfamu sirna kabajaa hundeeffama waggaa 45ffaa Paartii Biyyaa bulchuu Jibuutiirratti hirmaateera.

Saganticharratti Obbo Adam Faaraah paartii biyyatti bulchaa jiruu fi ummata jibuutiif erga baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Kana malees, Itiyoophiyaa fi Jibuutiin walitti hidhamiinsaa aadaa fi afaanii waggota dheeraa kan qaban, ummatoota obbolaa ta’uu himaniiru.

Akkasumas gama diinagdee fi pirojektoota bu’uuraalee misoomaan hariiroo cimaa akka qaban kaasaniiru.

Paartiin Badhaadhinaas Paartii Biyya bulchaa jiru waliin waloomaa fi obbolummaa qabu itti fufsiisuuf kutannoo qabaachuu haasawaa isaaniin akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment