Jilli Obbo Adam Faaraahin durfamu Pireezidaantii Somaaliyaa waliin mari’ate

Finfinnee, Bitootessa 27, 2015 (FBC) – Jilli Ittaanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahin durfamu Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waliin mari’ate.
 
Jilli qondaaltota olaanoo mootummaa Ityoophiyaa Obbo Adam Faaraahin durfamuu fi Ministir Deetaa Ministeeraa Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa hammate Somaaliyaatti daawwannaa taasisaa jira.
 
Daawwannaa kanaan jilichi Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waliin, faayidaa waloo Ityoophiyaa fi Somaaliyaa akkasumas dhimmoota gama lameenii fi naannawaarraatti mari’ataniiru.
 
Dabalataan jilli qondaaltotaa olaanoo mootummaa Ityoophiyaa ergaa Muummee Ministira Abiy Ahimad irraa ergame Pireezidaantii Somaaliyaan ga’aniiru.
 
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment