Jilli Obbo Adam Faaraahin duramu Ministira Dhimma Alaa Jibuutii waliin mari’ate

Finfinnee, Bitootessa 28, 2015 (FBC)-Jilli Ittaanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiin durfamu Ministira Dhimma Alaa Jibuutii Mahaammad Alii Yuusuuf waliin mari’ateera.

Marii isaaniin dhimmoota gamlameenii biyyoota lameeniirratti xiyyeeffachuun mari’achuu ragaan jibuutiitti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Kana malees, dhimmoota naannawaarratti mari’achuun ibsameera.

Jillii qondaaltotaa olaanoo mootummaa Ityoophyaa Ittaanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faaraahin durfamu guyyaa kaleessaa daawwannaa hojiif Jibuutii seenuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment