Jilli Obbo Adam Faaraahiin durfamu Godina Goofaatti Biqiltuu dhaabe

Finfinnee, Hagayya 15, 2016 (FBC) – Jilli Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Qindeessaa giddugala ijaarsa sirna Diimokiraasii fi Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiin durfamu Godin Goofaatti Biqiltuu dhaabeera.

Pireezidanatii naannoo Ummattoota Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahuun Kabbadaa dabalatee hoggantoonni olaanoon Mootummaa Federaalaa, Naannoo fi Godina Goofaa saganticharratti argamuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Geedi’oorraa argame ni mul’isa.

Waajjirri Paartii Badhaadhinaa, waajjiraalee dameewwan isaa waliin ta’uun lammiilee Godina Goofaatti balaa sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasisuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment