Jilli Obbo Adam Faaraahiin durfamu Godaambaa Paartii Komunistii Magaalaa Shaangaay daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 9, 2016 (FBC)-Jilli Olaanaa Pireezidaantii Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiin durfamu Godaambaa Paartii Komunistii Magaalaa Shaangaayitti argamu daawwateera.

Gareen jilichaa daawwannichaan Chaayinaatti guddina diinagdee saffisaa kan galmeesse seenaa as dhuftee paartichaa, guddina, milkaa’inaa fi gufuulee turan daawwataniiru.

Itiyoophiyaatti aadaa hojii lammiilee cimsuu fi hunduu guddina diinagdee biyyattiirratti gahee gama isaanii bahachuu akkaataa danda’anirratti muuxannoo qooddachuun eerameera.

Dabalataan, jilichi Buufata Doonii Shaangaay Yaashaangi daawwachuu ragaan Chaayinaatti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment