Jilli Obbo Adam Faaraahiin durfamu Chaayinaatti Piroojektii jallisii Duujiyaangiin daawwate

Finfinnee, Sadaasa 5, 2016 (FBC) – Jilli Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarahiin durfamu Chaayinaatti Piroojektii jallisii Duujiyaangiin daawwateera.

Jilichi hooggantoota Olaanoo mootummaa federaalaa fi Pireezidaantota naannolee of keesatti kan hammate ta’uu ibsameera.

Piroojektiin jallisii kun piroojektii ogummaa lammiilee Chaayiinaa fi dandeettii olaanaa ogummaa Maandisummaa biyyattii mul’isuudha jedhame.

Jiraattoota naannawaa Cheenduuf madda bishana jallisii fi bakka ga’umsa turistii ta’uun tajaajilaa jiraachuu ibsameera.

Comments (0)
Add Comment