Jilli Obbo Abduulhakiim Muluun durfamuu Asallaatti hojii qonnaa Magaalaa daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 15, 2016 (FBC) – Jilli Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantitti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abduulhakiim Muluun durfamuu Bulchinsa Magaalaa Asallaatti hojiilee misooma garagaraa daawwateera.
Jillichi qonna magaalaa, Jalqabbi Daandii Keessa keessa ,Ijaarsa Piroojektii Horsiisa Lukkuu, Hojjilee teeknooloojii haaraa Koollejjii Poolii Teknikaa Atileet Qanaaniisa keessatti akka fakkeenyatti hojjatamaa jiran, Maashina Cuucii guyyaa tokko Oomishu, Maashina Nyaata Lukkuu qopheessuu fi Maashinoota akka naannoo fi Biyyaatti fakkeenya gaarii ta’uu danda’aan hojjetamaa jiran daawwatee jira.
Oromiyaa qonna magaalaan moodeela taasisuuf hojjetamaa jiraachuu Obbo Abdulhaakiim ibsaniiru.
Naannichatti inisheetiviiwwan garagaraa kanneeniin ummataa fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Ummanni oromoo baadiyyaatti qofa daangeffamee jiraachuu akka hin qabne kan himan Obbo Abduulhakim Kaayyoon qonna magaalaa wabii nyaataatiin of danda’uu,qaala’iinsa jireenyaa hir`isuu fi abbootii qabeenyaa misoomawoo uumuu ta`uu ragaan Waajjira Pireezidaantii Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment