Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC)- Jilli sadarkaa Preezdaantii itti aanaatti qindeessaa kilaasteera baadiyyaa obbo Abdurramaan Abdallaatin durfamu godina Jimmaatti hojii misooma Sululaa guyyoota 60’f turu eegalchiisaniiru.
Godinni Jimmaa haftee qabeenya uumamaatiin fakkeenyummaa qabaattus, dabaluu baay’ina ummataatiin qabeenyi uumamaa haphataa, biyyeen gabbataan dhiqamee oomishaa fi oomishtummaan xiqqaachaa jira jedhame.
Kanaaf qabeenya uumamaa kunuunsuun dhaloota boruuf biyya magariisa dhaalchisaa diinagdee keenya guddisuuf hojii misooma sululaa cimne haa hojjennu jedhan obbo Abduraaman Abdallaa.
Naannoo Oromiyaa guutuuttis guyyaa har’a hojii misooma sululaa eegaleera.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.