Jilli Obbo Abdulhaakim Muluun durfamu Aanaa Ada’aatti Ijaarsa Mana Barumsaa Bu’uura boruu eegalchise

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC) – Jilli Sadarkaa Itti aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaa Kilaastara Hawaasumma Oromiyaa Obbo Abdulhaakim Muluun durfamu Godina Shawaa Bahaa Aanaa Ada’aatti ijaarsa mana Barnoota Bu’uura Boruu eegalchiseera.

Manni barumsichaa Birrii miiliyoona 20 kan ijaaramu yoo ta’uu, Dhaabbata Tajaajila Geejjiba Galaanaarrraa fi Loojistiksii Itiyoophiyaatu ijaarsisa jedhameera.

Saganticharrati Hoogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tola Baariisoo, Hojii Gaggeessaa Dhaabbata Tajaajila Geejjiba Galaanaarraa fi Loojistiksii Dooktar Baariisoo Amaloo fi Aanga’’oonnii biroon argamuu TOI gabaasera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment