Finfinnee, Sadaasa 19, 2015 (FBC)- Jilli Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantii Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Abdulhaakiim Muluun durfamu, Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waayyuu Tuqaatti misooma Qamadii daawwate.
Obbo Abdulhaakiim, ummanni aanichaa nageenyasaa eeggachaa hojiin misooma Qamadii hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’u dubbataniiru.
Abbootiin keenya tokkummaa biyya eeganii kan har’aan gahan misooma isaanii hojjechaa diina biyya diiguuf deemu barbadeessuun waan ta’eef, hojiin akka aanichaattis ta’ee akka godinichaatti hojjetamaa jiru kanuma waan dhugoomsuuf cimee itti fufuu qabas jedhaniiru.
Bulchaan Godina Wallaggaa Bahaa Obbo Waaggaarii Nagaraa gama isaaniin, bara kana godinichatti lafa heektaara kuma 35 irratti qamadii oomishuuf karoorfame lafti heektaarri kuma 10 qamadiin uwwifamuu himuu isaanii OBN gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.