Finfinnee, Ebla 8, 2016 (FBC) – Jilli Naayjeeriyaarraa dhufe Godina Shawaa Kaabaa Aanaalee Qimbibiitii fi Abbichuu fi Nya’aatti Hojiilee Misooma Qamadii Jallisii Bonee daawwachuun muuxannoo qoodateera.
Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Mallas Makonniniin Lammiilee Naayjeeriyaa kanneen daawwachiisuun muuxannoo qoodaniifiru.
Hoggansa Baankii Afrikaa Bahaa, Naayjeeriyaa Pireezidaantiin Naannoo Jigawaa fi qaamoleen garagaraa biyyatti irraa dhufan daawwannaa kanarratti hirmaataniiru
Jilli kun Muuxannoo gaarii qooddachuu himeera.
Jila kanaaf bifa Duudhaafi Aadaa Uummata oromoo ibsuufi bu’aalee Qonnaa agarsiisuun simannaa, affeerraafi Badhaasni laatamuufi ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.