Jilli Mootummaa Ityoophiyaa dhimmoota tumsa seeraan walqabataniirratti mootummaa Turkii waliin mari’ate

Finfinnee, Caamsaa 2, 2014 (FBC) – Jilli Ministir Deetaa Ministeera Haqaa obbo Alam’aantee Agidawuun durfamu dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti mari’achuuf Turk magaalaa Ankaaraa galeera.
Jilichi wayita Turk ga’u hoggantoota olaanoo mootummaa biyyattiin simatameera jedhame.
Jilichi bakka Turkitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa ambaasaaddar Adam Mahaammad argamanitti dhimmoota tumsa seeraan walqabatanirratti mari’ateera.
Tumsa dhimmoota seeraa biyyoota lamaan gidduu yeroo itti aanu taasiifamurratti waliigaltee waloo ni mallatteessu jedhamee eegama.
Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment