Jilli Mootummaa Azaarbaajaan Hoggansa Olaanaa Mootuummaa Naannoo Oromiyaa waliin mari’atan

Jilli Mootummaa Azaarbaajaan Hoggansa Olaanaa Mootuummaa Naannoo Oromiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)- Jilli Mootummaa Azaarbaajaan Ministira Hariiroo Hawaasaa Biyyattii Mohaammad Aliin durfamu, Hoggansa olaanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin dhimmoota garagaraa irratti mari’ateera.

Dhimmoota kenniinsa tajaajilaa fi diijitaalayiizeeshiinii irratti akkaata waliin hojjechuun danda’amu irratti bakka Pireezidaantii Itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii fi miseensonni Kaabinee biroon argamanitti mari’ataniiru.

Dhimma kenna tajaajilaa irratti hojiilee gama Biiroo Pabliik Saarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaatiin hojjetamaa jiru irratti ibsi jilichaaf taasifameera.

Jilichi Giddugala Tajaajila Oromiyaaf fi Giddugala Daataa Biiroo Pabliik Saarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaas daawwateera.

Wayita daawwannichaattis Jilli Hoggansa olaanaa Mootummaa Azaarbaajaan, muuxannoo kenniinsa tajaajilaa irratti biyyi isaanii qabdu akkaataa qooduun danda’amu irratti hoggansa Biiroo Pabliik Saarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa waliinis mari’ateera.

Jillichi gara Oromiyaa kan dhufe tibba darbe jilli hoggansa olaanoo Mootuummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu daawwannaa hojii Azaarbaajaanitti taasisan hordofee ta’uu ragaan Waajjira Pireezidaantii Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment